Namooti duubatti hafoon Sodaa keessa jiraatu,hin bir'atu.Namooti dammaqoon immoo jaalala keessa jiraatu.Sababni isaa,sodaa fi jibbi tajaajiltoota du'aati.Jaalalli dhangaa namoota dammaqooti.
#GATII HAADHAA Seensa Akkam jirtu ? Nagaa keessanii? Baga Nagaa taatan. Jiraachuun gaarii dha. kunoo hatuus , gantuus argineera. Warra utuu haadha qabuu ilma ajjeessanii reefa ilmasheerra haadha teesisaniif, haadha ulfaa da'umsaaf ciniinsuun qabee mana yaalaatti fiigdu ilmoo garaa keessaa waliin ajjessani dhiiga haadha dhiiraaf ilmaansheetiin harka dhiqatan hundaaf yeroon hojii harka isaanii argatan dhiyoodha. Gatiin haadhaa, imimmaan haadhaa ammayyuu hin hafu. GATII HAADHAA Kutaa 1ssoo Asoosamni kun dheeriina dhabuu isaa osoo hin taane, ergaa dabarsuu fi barsiisu of keessaa qaba kanaaf dubbisuun isin hin yaadessu jechuudha. Turaa , barcuma irra taa’u irraa ka’ee itti hirkatee peenaa baatu ciciniinaa seenaa jireenya isaa fi akkaataa haati isaa ittti isa guddiste dhaabatee yaada. Isa haati isaa isa guddisuuf jecha waan isheen hin taane hin qabne sana yaadatee imimmaan ijaasakeessa isa guute. Imimmaan ija isa guute sooftii barcuma ...
Comments
Post a Comment