Yeroo 2ffaa WaldorgommiinQur’aanaa fi Azaanaa Idil-Adunyaa Finfinneetti geggeeffamaa Jira
Dorgommicharratti Itiyoophiyaa dabalatee dorgomtoonni biyyoota 60 olirraa dhufan hirmaachaa jiru jedhame.
Waldorgommiin Qur’aanaafi Azaanaa idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaafi Waldaa Qur’aanaa Zeyid Ibnu Saabiitiin har’a Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dorgommichi dubartoota Quraanaan dorgoman kan hirmaachise yommuu ta’u, kanaanis Afriikaatti lammaffaa Itiyoophiyaattimmoo kan jalqabaa ta’uun himameera.
Sababa waldorgommii kanaa hirmaattonni biyyoota 60 irraa gara finfinneetti yaa’aniiru.
Seenaa Islaamummaa keessatti namni Yeroo jalqabaaf Azaanaa baase lammii Itoophiyaa, Bilaal Ibnu Rabaahiidha. Bilaal Garba kan ture yommuu ta’u erga Islaamummaa seenee booda sadarkaa guddaa aangoo mu’azzinummaa argachuun Azaanii baasaa kan ture ta’uu seenaan isa ni hima. Addunyaa Islaamaa keessattis Itoophiyaa kanaan yaadatamti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA sona media 📡
Comments
Post a Comment