Skip to main content

DARGAGEESSAA FI GORSA JAARSA TOKKOO!

 DARGAGEESSAA FI GORSA JAARSA TOKKOO!

▬▬▬▬▬▬▬▬▬

❏ Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaa fi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture.


Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni, animmoo gorsan si gorsa. Gorsi ani si gorsu kun, furtuu jireenyakee ta'a" jedheen. Akka godhu dhabe. Kan qabuu kanuma, kanuma kennuuf jira. Kennes! Jaarsis, qarshii 3000 kanaan gorsa sadii kenneef. 

"1. Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hin deemiin! 

2. Waan si hin ilaallanne keessa hin seeniin! 

3. Ariifattee murtoo hin kenniin!" kan jedhu ture.


Dargageessichi gorsa isaa fudhatee harka duwwaa isaa yommuu qajeelu, warreen kaan gorsicha tuffachuun itti qoosaa turani. Akkanumaan osoo deemanii, bakka wayii gahani. Karaa bosona tokko keessa nama baasu deemuuf yeroo qajeelan, dargageessichi gorsa jaarsaa yaadatee deebi'e. "Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hin deemiin!" jedheera jaarsi. Kanaaf warreen kaan dhiisee karaa biraa qabate. Osooma deemuu, karaatti itti dhiyee mana namaatti gore, buluuf. Osoon turiin oduu tokkootu gurra isa bu'e. Saamtonni jarreen bosona keessa bahuuf deeman sana saamanii boodarra akka isaanuu ajeessan, oduu gaddaa dhagahe. Gorsa jaarsaattis baay'ee gammade.


Mooraa mana bulee sana keessatti awwala arge, dargaggeessichi. Maal akka ta'e gaafata. Abbaan manaa akkana jedha; "Manni koo karaarra waan ta'eef, namoonni goranii bulu. Yeroo kana haati manaa koo maaliif akka akkas fokkiftu na gaafatu. Yeroo kana, ani aareen isaan ajjeessa. Ajjeeseen isaan awwaala. Kun awwaala isaaniiti. Ati akkana naan jechuu dhabuu keetiin badhaasa qabda" jedheenii qarshii 10,000 badhaase. Yeroo kana dargageessichi naasuu guddaa keessa taa'ee waa tokko yaadate. "Waan sin galchine keessa hin galiin" jedhee ture jaarsi. 


Guyyaa itti aanu gara mana isaa duraa, gara haadha manaa isaa deemuuf imala eegale. Halkan keessaa sa'aa 6tti gahe. Raftee jirti. Hirriba keessaa hin kaasu jechuun, suuta jedhee harka loofatee banatee ol seene. Ajaa'iba arge. Haati warraasaa dargaggeessota lama jidduu rafaa jirti. Aaree waraanuuf jedhee, gorsa jaarsaa yaadate. "Ariifattee hinmurteessiin!" kan jedhutu isa dhorke. Aariima guddaa keessatti of qabeetu, gadi bahee galbii bule. Ganama haati warraasaa yeroo kaatu, isa argitee naatee boo'uu eegalte. Itti marmitees akkana jetteen; "Baga nagaan naaf dhufte. Anis waggaa hedduuf obsaan si eegaan ture. Yeroo ati deemte kan garaatti na hafanii turan, kunoo amma dargaggoota ta'anii si eegani." Jarri isheen jidduu raftu ijoolleemasaa turani. Galgala badii gochuu dhiisuusaaf baay'ee galateeffate. Gorsa jaarsaan akkasitti nama ta'e. Jireenya gammachuus maatiisaa waliin jiraachuu eegale. Qarshii 3000'n waan qarshiin hin bitne argate.


Ergaa koo:

❏ Gorsis ta'e muuxannoon dhala namaaf daandiidha. Jiruufi jireenya guyyuu keessatti galaa ta'uun nama sooru. Ogeessi isa gorsa fudhatuufi hojiirra oolchudha. Fudhachuu dhiisuun garuu, aarsaa hintaane nama kanfalchiisa. Yeroo tokko tokko, waan xiqqo barbaachisuuf jecha isa hundumarra barbaachisutti dugda gannee argamna. Akkanaan dhabaa jiraanna. Kanaaf hubannaatu fala. Yeroo kamuu haa barannu, muuxannoo fi gorsa ofitti haa aanfannu!

Galatooma ulfaadha

Comments

Popular posts from this blog

Gatii HAADHAA

 #GATII HAADHAA Seensa Akkam jirtu ? Nagaa keessanii? Baga Nagaa taatan. Jiraachuun gaarii dha. kunoo hatuus , gantuus argineera. Warra utuu haadha qabuu ilma ajjeessanii reefa ilmasheerra haadha teesisaniif, haadha ulfaa da'umsaaf ciniinsuun qabee mana yaalaatti fiigdu ilmoo garaa keessaa waliin ajjessani dhiiga haadha dhiiraaf ilmaansheetiin harka dhiqatan hundaaf yeroon hojii harka isaanii argatan dhiyoodha. Gatiin haadhaa, imimmaan haadhaa ammayyuu hin hafu.               GATII HAADHAA Kutaa 1ssoo Asoosamni kun dheeriina dhabuu isaa osoo hin taane, ergaa dabarsuu fi barsiisu of keessaa qaba kanaaf dubbisuun isin hin yaadessu jechuudha. Turaa , barcuma irra taa’u irraa ka’ee itti hirkatee peenaa baatu ciciniinaa seenaa jireenya isaa fi akkaataa haati isaa ittti isa guddiste dhaabatee yaada. Isa haati isaa isa guddisuuf jecha waan isheen hin taane hin qabne sana yaadatee imimmaan ijaasakeessa isa guute. Imimmaan ija isa guute sooftii barcuma ...

Yeroo 2ffaa WaldorgommiinQur’aanaa fi Azaanaa Idil-Adunyaa Finfinneetti geggeeffamaa Jira

 Yeroo 2ffaa WaldorgommiinQur’aanaa fi Azaanaa Idil-Adunyaa Finfinneetti geggeeffamaa Jira   Dorgommicharratti Itiyoophiyaa dabalatee dorgomtoonni biyyoota 60 olirraa dhufan hirmaachaa jiru jedhame. Waldorgommiin Qur’aanaafi Azaanaa idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaafi Waldaa Qur’aanaa Zeyid Ibnu Saabiitiin har’a Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Dorgommichi dubartoota Quraanaan dorgoman kan hirmaachise yommuu ta’u, kanaanis Afriikaatti lammaffaa Itiyoophiyaattimmoo kan jalqabaa ta’uun himameera. Sababa waldorgommii kanaa hirmaattonni biyyoota 60 irraa gara finfinneetti yaa’aniiru. Seenaa Islaamummaa keessatti namni Yeroo jalqabaaf Azaanaa baase lammii Itoophiyaa, Bilaal Ibnu Rabaahiidha. Bilaal Garba kan ture yommuu ta’u erga Islaamummaa seenee booda sadarkaa guddaa aangoo mu’azzinummaa argachuun Azaanii baasaa kan ture ta’uu seenaan isa ni hima. Addunyaa Islaamaa keessattis Itoophiyaa kanaan yaadatamti. SABA GUDD...