Skip to main content

Gatii HAADHAA

 #GATII HAADHAA

Seensa


Akkam jirtu ? Nagaa keessanii? Baga Nagaa taatan. Jiraachuun gaarii dha. kunoo hatuus , gantuus argineera. Warra utuu haadha qabuu ilma ajjeessanii reefa ilmasheerra haadha teesisaniif, haadha ulfaa da'umsaaf ciniinsuun qabee mana yaalaatti fiigdu ilmoo garaa keessaa waliin ajjessani dhiiga haadha dhiiraaf ilmaansheetiin harka dhiqatan hundaaf yeroon hojii harka isaanii argatan dhiyoodha. Gatiin haadhaa, imimmaan haadhaa ammayyuu hin hafu.


              GATII HAADHAA


Kutaa 1ssoo

Asoosamni kun dheeriina dhabuu isaa osoo hin taane, ergaa dabarsuu fi barsiisu of keessaa qaba kanaaf dubbisuun isin hin yaadessu jechuudha.


Turaa , barcuma irra taa’u irraa ka’ee itti hirkatee peenaa baatu ciciniinaa

seenaa jireenya isaa fi akkaataa haati isaa ittti isa guddiste dhaabatee yaada. Isa haati isaa isa guddisuuf jecha waan isheen hin taane hin qabne sana yaadatee imimmaan ijaasakeessa isa guute. Imimmaan ija isa guute sooftii barcuma dura isaa jiru irraa harkifatee haxaawate.

Haati koo …..dandeessuudhaam na barsiisuuf jecha ofii barumsa dhabde, na quubsuuf jecha yeroo meeqa beellofte, na uffisuuf jecha ofii daarte, eelaa human isheen olii eelte. Anis kunoo hanga isheen yaadeen olta’uu danda’a garuu hanga human koo isheef dhaabachuuf hojii qarshii kuma Afuriif dhibba shan/ 4500.00nin eegaeera.

Nan yaadadha gaafan barataa ture waan ittiin buddeena nyaanu dhabnee birbixatti haxaawachaa, bishaan irratti dhugaa haasoofne sana. Gaafan hojii eegalu jalqaba foon sii bita ittiin jedhe yaadate. Yeroo sa’a harka isaa irraa ilaalu yeroon laaqanaa ga’eera. Ariitiin furtuuf moobaayila isaa butatee waajiira isaa cufee kute.

Mana foonii dhaqee foon kilo sadii bitee dafee mana gaafa ga’u haatisaa laaqana qopheessa jirti.

Harmee…harmee jechaa olseene . eessa jirtaa kottu mee hara ayyaana koof keetii jedhe. Maaltu ta’emoo jettee gaafa golaa as baatu waan isheen hin yaadnettu ishee mudate. Innis foon diimina kukutaa jira. Gammachuun adda isaa irra dhungattee eebbiste. Bakka yaadde ga’I dhalakoo …..jette gammachuun. “Ameeeeeeeeeeeeeeeeen maal harme kun hangas guddaa ta’ee miti sichin si koorsa jedheen”.

Tole korma koo . nyaatanii buna isaanii dhuganii ilmi ishee gara waajjiraatti, haatimoo gara mana hojii aaddee Jiituutti sokkite.

Haati Turaa mana aaddee Jiituu waggaa kudhanii oliif hojjeeteeti. Kanaaf akkuma maatiitti waliin jiraatu. Waan haati Turaa rakkatan hedduu gargaaru.


Itti fufa

#

Sadaasa

Comments

Popular posts from this blog

DARGAGEESSAA FI GORSA JAARSA TOKKOO!

 DARGAGEESSAA FI GORSA JAARSA TOKKOO! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaa fi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture. Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni,...

Yeroo 2ffaa WaldorgommiinQur’aanaa fi Azaanaa Idil-Adunyaa Finfinneetti geggeeffamaa Jira

 Yeroo 2ffaa WaldorgommiinQur’aanaa fi Azaanaa Idil-Adunyaa Finfinneetti geggeeffamaa Jira   Dorgommicharratti Itiyoophiyaa dabalatee dorgomtoonni biyyoota 60 olirraa dhufan hirmaachaa jiru jedhame. Waldorgommiin Qur’aanaafi Azaanaa idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaafi Waldaa Qur’aanaa Zeyid Ibnu Saabiitiin har’a Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Dorgommichi dubartoota Quraanaan dorgoman kan hirmaachise yommuu ta’u, kanaanis Afriikaatti lammaffaa Itiyoophiyaattimmoo kan jalqabaa ta’uun himameera. Sababa waldorgommii kanaa hirmaattonni biyyoota 60 irraa gara finfinneetti yaa’aniiru. Seenaa Islaamummaa keessatti namni Yeroo jalqabaaf Azaanaa baase lammii Itoophiyaa, Bilaal Ibnu Rabaahiidha. Bilaal Garba kan ture yommuu ta’u erga Islaamummaa seenee booda sadarkaa guddaa aangoo mu’azzinummaa argachuun Azaanii baasaa kan ture ta’uu seenaan isa ni hima. Addunyaa Islaamaa keessattis Itoophiyaa kanaan yaadatamti. SABA GUDD...